Tuesday 23 December 2014

Beekan Gulummaa:- KOOMTOO

Qilleensi banbanee bubbeen laboobuuyyuu
Ardiin lafaa baddee samiin dulloomtuyyuu
Dacheen ani irra jiru nahubachuu diddee
Naannoon ani jiraadhu sum’iisaan nahiddee
Waanan guggubadhuuf an galmakoo beekaa
Galaana ogbarruukoo irra ciiseen daakaa
Koomtoo damma keessaa nadhiisaa coccobsee
Burqaa mul’atakoo an nandhuga dhoosee
Maaliif akkan uumame natti himeera keessikoo
Yoon du’es seenaan qaba lafa guute sanyiinkoo
Erga natti hinhimamnee hamman jiruuf jiraadhuu
Iyyeen bookkisa malee haala jiru hinsodaadhu
Gindillaa guddaa narra gudeelcha cimaan baadhaa
Dhahannaa onneekootiif guyyaa Waaqaan eeggadhaa!
————————————-
BEEKAN GULUMMAA IRRANAA MARDAASAA TI

No comments:

Post a Comment